Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Toleetti manneen jiraattotaa waraana garboomfataa PP’n gubate 

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Aanaa Tolee ganda Armuufoo Soolee bakka addaa Siibaa jedhamutti waraanni PP manneen jiraattotaa ibidda itti shidee gubuun maatii daa’imman waliin bakkee onaatti hambisuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Taateen gubaatii manneen qonnaan bultootaa kunis Caamsaa 19, 2025 kan raawwate oggaa ta’u, namoonni qabeenyi jalaa gubates maqaan isaanii:

  1. Obbo Ayyaansaa Galanaa jalaa mana 4, midhaan kuntaala 20 fi meeshaalee mana keessaa qarshii guddaatti tilmaamamu,
  2. Obbo Gurmeessaa Nagasaa jalaa mana 1, midhaan kuntaala 15 fi meeshaalee mana keessaa cufa waliin,
  3. Obbo Mammuushee Baay’isaa jalaa mana 2, midhaan kuntaala 19 meeshaalee mana keessaa guutuu waliin jalaa gubuun akka deeman ibsameera.

Gocha gara jabummaan guutame akka raawwataniif waraanni koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhatanii bobba’aa jiran kunneen:

Exit mobile version