ONM-ABO Caamsaa 29, 2025
Prezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskiin Roobii kaleessaa akka jedhanitti Yukireen walgahii NATO dhufuuf jiru irratti affeeramuu dhabuun pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gamtaa kanarratti injifannoo argachuu agarsiisa jedhe.
Zelenskiin Kibxata dheengaddaa akka jedhetti hogganaan NATO Mark Ruuteen Yukireen walgahii kana irratti akka argamtu barbaada ture. Haa ta’u malee, Kiiv affeeramuu fi dhiisuu ishee ammallee ifa miti.
Kun kanaan osoo jiru pirezidaantiin kun akka jedhanitti Raashiyaan naannoo Yukireen kaaba Sumiin jedhamutti loltoota 50,000 walitti qabuu ibsuun, garuu Keev Moskoon achitti haleellaa guddaa akka hin geggeessine tarkaanfii fudhachuu isaanii itti dabalaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

