ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025
Gareen garboomfataan PP hanqinaalee hedduu kanneen akka jeequmsa hawaasummaa, bulchiinsa badaa dinagdee fi sarbama mirga namoomaa raawwachuun Oromiyaa dirree badiisaa gochaa kan jiru yoo ta’u, loltootni maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuun bobbaa’anis saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwatan cimsanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti guyyoota afuriif jechuun loltoonni maafiyaan PP gandoota baadiyyaa keessa sochii taasisuun saamicha qabeenyaa, doorsisa, namoota ukkaamsuun hidhuu fi maqaa ijaarsa gandootaan dhiibbaa ulfaataa geggeessaa kan turan yoo ta’u, ganda Guyyoo Daallee jedhamu keessaa uummataan Wiixataa fi Kibxata dhufutti qarshii 100, buddeena qooraa ija sadii fi meeshaalee ijaarsa gandootaaf barbaachisu qabattanii akka dhiyaattan jechuun akeekkachiisanii deemuu jiraattonni himan.
Kana malees jiraattonni aanichaa gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa cufti qarshii 1000 kan maalummaan isaa hin beekne akka kaffalaniif dirqisiifamuus itti dabaluun himaniiru.
Sirna abbaa irree keessatti qondaaltonni waraanaa aangoo qabachuu, hooggansa murteessuu fi imaammata irratti dhiibbaa uumuun kan beekaman yoo ta’u, har’as gochi hooggantoota waraanaa fi kaabinootaan Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru gara jabinaa fi gaaga’ama ilma nama irratti raawwachuudha.
