Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Libaanos namoonni lama naannoo Kibbaa keessatti haleellaa Israa’el raawwateen du’uu ibse

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025 

Ministeerri Fayyaa Libaanos akka jedhetti, haleellaan Israa’eliin Kibba biyyattii irratti Dilbata kaleessaa raawwatame namoota lama ajjeese yoo jedhu, waraanni Israa’el garuu miseensa Hizboollaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibse.

Ministeerichi akka jedhetti, “Israa’el” ganda Arnuun, naannoo Nabatiyee keessatti doqodqqee irratti kan xiyyeeffate yoo rukutu, daangaa Israa’el irraa gara kiiloo meetira shan fagaatu irratti nama tokko ajjeese.

Namni biraan haleellaa Israa’el  “konkolaataa irratti xiyyeeffattee raawwatteen” kutaa Bint Jibeyil keessatti akka ajjeefame ibseera.

Waraanni Israa’el ibsa baaseen humnoonni isaa “shororkeessaa farra taankii Hizboollaa naannoo Arnuun keessatti dha’uu fi dhabamsiisuu” ibseera.

Kamisa darbe ammoo lammiileen Libaanos lama irratti haleellaa Israa’el raawwatteen kan du’an yoo ta’u, kan biraa ammoo Sanbata darbe haleellaa irratti raawwatameen du’aniiru jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version