Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Bahaa Aanaa Gindhiir keessatti tiksitoonni impaayerattii qonnaan bultoota lafa irraa buqqisanii godaansisaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025 

Godina Baalee Bahaa aanaa Gindhiir gandoota garaa garaa keessatti hawaasni Oromoo hanqina bu’uuraalee misoomaaf jecha rakkoo hedduu dandamachaa kan jiraatu yoo ta’u, rakkoolee akka bishaan dhugaatii fi hongeen dhaanamaa jiraniif erga koloneel Abiy Ahimed gara aangootti dhufee as gaaffilee misoomaa hedduu gaafachaa turanis deebii quubsaa sirnicha irraa dhabuu dubbatu.

Haaluma kanaan murni gaaffii saba bal’aa afaan qawwee qofaan deebisuu beeku Bilxiginnaan gaaffii misoomaa uummatni gaafate jallisuun gandoota akka Ilaanii Dooyyoo, Qabbannaa fi Baallee-Qacaa jedhaman keessatti lafa qonnaa jiraattonni ganda kanneenii qotanii irraa nyaatan qonnaan bultoota irraa fuudhanii harka mootummaatti galii gochuun manneen jiraattota gandichaas buqqisanii godaansisaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jirattooni kunneen jedhanitti waggoota 4 dura ganda Baallee-Qacaa jedhamu kana keessa abbootiin warraa 185 keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, lafa oomisha qonnaaf oolu hektaara 1000 ol midhaan gosa garaa garaa irra facaafachuun jireenya isaanii geggeeffachaa akka turan dubbatu.

Haa ta’u malee murni Bilxiginnaa suutuma suutaan lafa kana irraa nu buqqisuu erga eegalee tureera kan jedhan namootni kun qabeenya keenyas mancaasuun dhuma irratti hireen keenya hidhaa, reebichaa fi doorsifamaa jiraachuun cinatti gariin uummata keenyaa immoo kallattii garaa garaatti godaanuun firaa fi namoota garaa nuuf laafan biratti gallee jiraachuu ta’ee jira jechuun miira gaddaa fi abdii murannaatiin ibsatu.

Faallaa kanaa immoo miidiyaa isaatti ol ba’ee dirree siyaasaa irratti of dhaadhessuuf akka tolutti abbootii warraa 10 hin caalle lafuma kana irratti hambisuun isaanis maqaa gargaaramuu qabdu jedhuun jiruu harkaa gara afaaniitiin sossobee jireenya abjuu kan jiraachisaa jiru yoo ta’u, lafa hektaara 150 ol ta’u kan isaan xaafii irra facaafatanii jiran Waxabajjii 2, 2025 biqiltuu midhaanii kanatti qoricha jumlaan gubee barbadeessuu itti biifuun jiraattota kanneen balaa beelaatti dabarsanii laataniiru.

Kanumaan wal qabatee wayita qonnaan bultoonni kunneen maaliif oomisha keenya nu jalaa balleessitu jechuun gaafatan, lafichi mooraa waraanaa keenya keessatti argama malee kan keessan miti, kanaaf balleessine jechuun yeroo deebisantu himama.

Namoonni lafti qorichaan jalaa manca’es maqaan isaanii muraasni kan nu ga’e:

  1. Mahaammad Tsoomoo,
  2. Huseen Tsoomoo,
  3. Jamaal Huseen,
  4. Maammadnuur fi 
  5. Huseen Aliyyii kanneen jedhaman ta’uun addeeffameera.
Exit mobile version