Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz Bulchiinsaa magaalaa Asoosaa dabalatee bakkeewwan naannichaa birootti sarbamiinsi mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti hammaachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025 

Ejjennoo fi amantaan isaa afaan qawwee irratti kan xiyyeeffate murni Bilxiginnaa hidhuu fi ajjeesuu akka furmaata bulchiinsaa fi nageenyaatti itti amanuun goleewwan Oromiyaa fi naannoolee olloota Oromiyaa garaa garaatti ilmaan Oromoo irratti yakkoota farra namoomaa raawwachaa jiruun naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa dabalatee godinaalee fi aanaalee hedduu keessatti ilmaan Oromoo shiftoota waraana murna PP’n ukkaamfamuun hidhamuu fi achi buutee dhabamsiifamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru. 

Yeroo ammaa magaalaa guddoo naannichaa irraa kaasee hanga gandoota baadiyyaa cufatti ergamtoota isaa bobbaasuun jibbaa fi ilaalcha sanyummaa uummata Oromoof qabu ifatti mul’isuun ilmaan Oromoo gosa hojii garaa garaa irratti bobba’anii jiraatan Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkuun gaaffii seeraa tokko malee ukkaamsanii jumlaan mana hidhaatti guuruu, achi buutee dhabamsiisuu hanga ajjechaa lubbuutti raawwachaa jiru.

Jiraattonni magaalichaa sabaan Oromoo ta’an yaada isaanii ONM’f akka ibsanitti yeroo adda addaatti dantaa siyaasaaf jecha nageenya lammiilee booressuun uummata Oromoo fi saboota kan biroo naannicha keessatti argaman walitti buusuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa geggeessaa ture jechuun, tibbana immoo waraana Bilisummaa Oromoo deggertu shakkii jedhuun ilmaan Oromoo naannicha keessatti argaman cufa mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuun addeessaniiru.

Exit mobile version