ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025
Fedhaanis ta’u dirqamaan loltuu ta’uun teessoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf goleewwan Oromiyaa maratti kan bobbaafaman waraanni fi ergamtoonni impaayerattii, yeroo adda addaatti balfamaa sirna nama nyaataa PP jibbuun mooraa diinaa onsanii irree fi abdii saba Oromoo kan ta’e gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan, Arsii Bahaa aanaa Martii mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Wataroo Diinoo keessatti argamu irraa Waxabajjii 9, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii baay’inni isaanii 4 ta’e qawwee AKM 4 fi hidhannoo 4 qabachuun WBO onicha keessa socho’utti harka kennatanii jiraachuu maddeen WBO gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii WBO’tti harka kennatan kunneen sabaan Oromoo yoo ta’an, isaanis simannaa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun ilmaan Oromoo mooraa Bilxiginnaatti hafanis akka yeroodhaan qabsoo bilisummaa Oromootti makamaniif dhaamaniifii jiru.

