ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee Qoriitti hanqina bishaan dhugaatiin dhukkubootaaf saaxilamaa kan jiran oggaa ta’u, rakkoon kun akka furamuufis irra deddeebiin iyyata galfatanis furmaata waaraa dhabuu dubbatu.
Murni PP caasaaleen adda addaa iyyata hawaasaa hordofuun furmaata isiniif goona maallaqa buufadhaa jedhanii qarshii harkaa fuudhaa kan turan ta’us, hanga har’aatti daranuu hanqinni bishaan dhugaatii akka jirus himu.
Akka jiraattonni onichaa jedhanitti, rakkoon bishaan dhugaatii kun aanicha keessattuu ganda Faatii Hargoobbee jedhamutti garmalee jiraattota rakkisaa kan jiru ta’uu fi jiraattotni gandichaa kunis bishaan xiqqoo yaatu kan qulqullina hin qabne bineensonni kanneen akka jaldeessaa fi qamalee balleessaa oolan, sanuu karaa fagoo deemsa sa’atii 3:00 hanga 4:00 deemanii waraabbachuun dhugaa jiraachuu fi sababa bishaan qulqullina hin qabne kana fayyadamaniif namoonni hedduun gandichatti dhukkubaaf saaxilamanii mana yaalaa keessatti argamuu dubbatu.
Xumura irrattis rakkoon bishaan dhugaatii kanaa yeroo gabaabaatti nuuf hin furamu yoo ta’e, namoonni dhukkubsatan baay’achaa adeemuu hordofee rakkoon fayyaa olaanaan akka uumamu akeekaniiru.

