Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti hidhattoonni Gumuz haleellaa hawaasa Oromoo irratti banuun qonnaan bulaa tokko madeessanii horii isaa jalaa saamuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025 

Murni Bilxiginnaa gama danda’an cufaan hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguuf waan ittiin qe’ee fi qabeenya irraa buqqisan kalaquu fi walitti bu’iinsa saboota gidduutti babal’isuuf rafanii bulaa kan hin jirre torban kana keessa hidhattoonni Gumuz daangaa Oromiyaa seenuun tumsa murna Bilxiginnaan haleellaa hawaasa Oromoo irratti taasisaa jiraniin miidhaa qaqqabsiisaa jiru.

Waxabajjii 13, 2025 aanaa Guutoo Giddaa ganda Keenaaf  jedhamutti dhukaasa banuun miidhaa kan qaqqabsiisan yoo ta’u, qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Magarsaa Yaadataa jedhamu rasaasaan rukutanii madeessanii deemuu ONM odeeffateera.

Qonnaan bulaan kun akkuma yeroo kaanii hojii idilee isaa irratti bobba’ee osoo qonna irra jiruu taateen kun haala nama suukkaneessuun kan irratti raawwatame ta’uu kan himan namoonni kunneen, yeroo ammaa kanas buufata fayyaa magaalaa Ukkeetti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu isaa dubbatu.

Gochaan wal fakkaataan akkasii yeroo dhiyoo as qonnaan bultoota Oromoo daangaa irratti argaman irratti deddeebi’ee raawwataa kan jiru yoo ta’u, Waraana Bilisummaa Oromoon alatti qaamni isaaniif birmate kan hin jirree fi qaamni afaaniin “biyya natu ofharkaa qaba” jedhus, tooftaa walitti bu’iinsa uummata Oromoo fi saboota biroo kalaquun jibbiinsaa fi walitti bu’iinsa uumaa kan jiruu fi akka waan birmatuufitti hololaan dubbachaa faallaa isaa immoo ajjeessisaa fi ajjeesuu irratti fuulleffatee jira.

Exit mobile version