ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Israa’elii fi Iraan Kamisa har’aa guyyaa torbaffaaf dhukaasa kan wal jijjiiran yoo ta’u, seenaa keessatti wal-dhabdee cimaa uumuun, sodaa wal-waraansa Baha Giddu Galeessaa hunda haammata jedhu uumee jira.
Waraanni Israa’el gama isaan Kamisa ganama Tehran fi kutaalee Iraan biroo irratti haleellaa xiyyaaraa haaraa akka raawwate dubbateera. Gandoota lama Araak fi Koondab irraa uummatni akka baqatan itti himaniiru.
Waraanni Israa’el misaa’eloota Iraan irraa dhufan adda baasuu l dubbateera.
Gaazexeessitoonni AFP Tel Aviv fi Yerusaalem keessatti dhohinsa dhaga’aniiru.
Miidiyaaleen Iraan misaa’eloota haaraa Kamisa ganama Israa’el irratti dhukaafamuu gabaaseera.
Dhaabbanni oduu Iraan FARS jedhamu, “Misaa’eliin magaalaa Tel Aviv irratti sagalee dhageessise,” jechuun televijiiniin mootummaa suuraa kallattiin agarsiiseera.
Lolli Iraan fi Israa’el lola bakka bu’ummaa Hamaasii fi Hizboollaa irra darbuun gara kallattiin wal waraanuutti seene guyyaa 7ffaa ga’e gidduutti qondaaltonni olaanoon Ameerikaa guyyoota itti aanan keessatti Iraan irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka danda’uuf qophaa’aa akka jiran Bluumberg News namoota dhimmicha beekan kaasuun gabaaseera.
Gabaasni kun namoota kana wabeeffachuun haalli jiru ammallee guddachaa akka jiruu fi jijjiiramuu akka danda’u hubachiiseera. Namoota kanneen keessaa tokko tokko akka Bluumberg’tti himanitti karoora dhuma torbee irratti raawwatu ta’uu akka danda’u akeekaniiru.
Tiraamp Roobii kaleessa Waayit Haawusiin alatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, duula Israa’elitti makamuu fi dhiisuu isaanii irratti murtee tokkollee kennuu isaanii dubbachuu didan. “Ani gochuu danda’a. Ani gochuu dhiisuu danda’a” jedhe jechuun AFP’n gabaaseera.

