Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhamtoonni siyaasaa hedduun Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti hiraarfamaa jiraachuu ONM odeeffate

ONM-ABO Waxabajji 20, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti namoonni gara 50 ta’an to’annoo jala ooluun sarbamiinsi mirga namoomaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, hidhamtoonni kunneen irra caalaan isaanii dargaggootaa fi qonnaan bultoota akka ta’anis jiraattonni himuun, namootni kunus badii isaanii malee heddumminaan akka qabaman himu.

Hidhamtoonni siyaasaa kunneenis mana hidhaa irraa baafamuun ajjeefamuu, galgala galgala reebicha ulfaataan irratti raawwachuu, yeroo dhukkubsatan yaala fayyaa akka hin arganne dhorkamuu, tajaajiloota bishaan dhugaatii fi dhiqannaa dhabuu, yeroon bobbaa fayyadamuu dhabuu fi kutaa haalaan dhiphoo ta’e keessatti jumlaan hidhamuun jireenyi itti hadha’aa akka jirus dabaluun himaniiru.

Kana malees gochaawwan onicha keessatti jiraattota irratti raawwatamu haalaan jabaatee jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, jiraataa ganda Baarkoo bakka addaa Raagoo kan ta’e dargaggoo Muuseyyeen Habtaamuu kan jedhamu torban tokko dura shiftoonni faashistii PP qe’ee isaatii qabuun reebicha haalaan ulfaataa irraan ga’uun bilbila harkaa isaa irraa fuudhuun kanaan booda eeruu Waraana Bilisummaa Oromoo hordoftee nu beeksisuu qabda, yoo kana hin taane ni ajjeefamta jedhuun doorsisa irratti raawwachuun himameera.

Exit mobile version