ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Poolisiin Biriteen Jimaata bakka imbaasii Iraan Landanitti dhihoo jirutti waldhabdeen uumamuun gabaafame hordofee namoota jaha miidhaa qaamaa hamaa geessisuun shakkamanii to’annaa jala oolcheera.
“Dhiironni jaha miidhaa qaamaa hamaa geessisuun shakkamanii to’annoo jala oolaniiru – ammallee to’annaa poolisii jala jiru,” jechuun poolisiin ibsa yeroo sanatti baaseen beeksiseera.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti hidhaan kun kan raawwatame mormii hoggansa Iraan irratti geggeeffame irratti.
Poolisiin hidhamtoota kana Imbaasii Iraan waliin kan wal hin qabsiisne yoo ta’u, garuu kan raawwatame karra Piriins Geet Landanitti argamu irratti. Kunis bakka imbaasichi itti argamudha.
”Dhiironni lama bakka balaan kun itti dhaqqabetti miidhaan irra gahe yaalamaa kan turan yoo ta’u, tajaajila Ambulaansii Landaniin wal’aansa dabalataaf gara hospitaalaatti geeffamaniiru.
“Qorannoon jalqabaa yeroo gaggeeffamutti poolisiin UK naannoo sana marsee turuu” Rooyiters gabaaseera.

