ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee iddoo addaa Dirree Hadhoo jedhamu irraa torban darbe keessa loltoonni faashistii PP nama maqaan isaa Obbo Dirribaa Abdiisaa jedhamu jalaa sababa tokko malee qotiyyoo 2 qalatanii nyaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, aanichuma ganda Sirbaa Looyyaa keessaas dargaggoo maqaan isaa Obsaa Addunyaa jedhamu jalaas yerooma wal fakkaataa sa’a dorrobaa 1 fi qotiyyoo 1 qalatanii nyaachuun eeramee jira.
Dabalataanis, aanaadhuma kana gandoota akka; Lalistuu, Sirbaa Looyyaa fi magaalaa Daduu ganda 01 keessatti ammoo maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuranii dararaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa Daduu ganda 01 irraa namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Jambaree Kiisii,
- Baay’isaa Tasfaa fi
- Dabalaa Dassaalee
kanneen jedhaman ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

