ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025
Godina Matakkal aanaa Bulan ganda Goongoo jedhamu irraa torban darbe keessa gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP ilmaan Oromoo 2 kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Iyyaasuu Darasoo fi
- Obbo Tuulii Abbabaa
jedhaman sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jala deemtoonni Bilxiginnaa kunneen gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwatan kana ittuma fufuun, ganduma Goongoo keessaa torbanuma darbe keessa:
- Addaamuu Kitilaa fi
- Jirraa Baayisaa
kanneen jedhaman ammoo manneen jireenyaa isaaniitti ibidda shiduun qabeenya hunda waliin jalaa barbadeessanii deemuu itti dabaluun eeranii jiru.
ilmaan Oromoo duguuggaan sanyii irratti raawwate kunneen deggertoota siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin taanee fi akkuma godinichaattis sarbamiinsi mirga namoomaa sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran jabaatee jiraachuu dubbatu.

