Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni badee balleessaan PP Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti uummata hojii isaa irraa qabuun hidhaatti gidirsaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Waxabajjii 15, 2025 shiftoonni murna Bilxiginnaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee keessatti walga’ii ba’uu diddan ittiin jechuun uummata nagaa jireenya isaa geggeeffachuuf tattaaffatu jumlaan qabuun mana hiraarsaa galchanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Namoota murna cunqursaa kanaan qabamuun dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Tolasaa Mardaasaa, 
  2. Mikaa’el Bantii, 
  3. Tasfaayee Baqqalaa,
  4.  Dunguujjee Birraatuu,
  5.  Horaa Sanbataa, 
  6. Haftee Guuttataa, 
  7. Seenaa Wandimmuu fi 
  8. Darajjee Ashanaa 

dabalatee namoonni hedduun murna nama nyaataa PP kanaan gidirfamaa jiraachuuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Qajeelfama bulchiinsa abbaa irree diinummaan guutame kan aadaan bulchiinsa biyyaa keessaa hin mul’anne jaleewwan isaa barsiisuun gubbaa hanga gadiitti caasaalee isaa uummata irratti diriirsuun duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed gochoota hammeenyaa isaa lammiilee nagaa irratti jabeessee jiraachuun kan mul’atuudha.

Exit mobile version