ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo ganda Urgeeyyii jedhamu keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa kanneen garaa isaanii qofa furdifachuuf jecha sababoota garaa garaa wabeeffachuun uummata Oromoo miidhaa oolan, maqaa “doqdoqqeen keessan lakkoofsa gabatee fi Boolloo hin qabu” jedhuun konkolaachistoota doqdoqqee sochii fi hojii idilee ugguranii doqdoqqee isaaniis jalaa qabanii waajjira poolisiitti guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, saamichi bifa kanaa kunis irra deddeebiidhaan konkolaachistoota kanneen irratti raawwatamaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas lakkoofsa gabatee fi Boolloo gaafataman kana fudhachuuf doqdoqqee tokkotti qarshii 16,000 gaafatamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqoon goyyomfamuun uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

