Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaallee keessatti, abbaan qabeenyaa warshaa sukkaaraa Mata-Haaraa murna Bilxiginnaa wajjin wal ta’uun uummata lafa isaanii irraa godaansisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Dhiibbaan mirga namoomaa  uummata Oromoo irratti kallattii hedduun impaayerattii keessatti itti fufuun garee Bilxiginnaan alattis dhaabbattootni adda addaa hojii investmentiif socho’an tumsa waraana Bilxiginnaan uummata nagaa irratti miidhaa geessisaa oolu.  

Akkaatuma kanaan warshaan sukkaaraa godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee magaalaa Mata-haaraa keessatti argamu, deggersa waraana murna Bilxiginnaatti fayyadamuun horsiisee bultoota uummata Oromoo Karrayyuu fi Ituu irratti miidhaa gurguddaa raawwachaa akka jiran jiraataan dubbisne tokko ONM’tti himeera.

Akka jiraataan naannichaa dubbisne kun  jedhetti “Warshaan sukkaaraa Mata-haaraa karoora lafa qonnaa kan oomisha shankooraa babal’ifachuu jedhuun Waxabajjii 22, 2025 uummata nagaa gandoota kanneen akka Kaniifaa, Faatee-Leedii, Saaraa Weebaa fi kkf keessa jiraatan humna waraanaatti fayyadamanii ooyiruu isaanii irraa midhaan isaan qotatan garagalchuun gandoota kanneen irraa godaansisaa jiraachuu fi lafichas dantaa ofiitiif oolfataa jiraachuu dabaluun dubbataniiru.

Kanaan duras warshaan sukkaaraa kun uummata Oromoo horsiisee bultoota loowwan isaanii tikfachuun jiraatan, irra deddeebiin waraana eegdota warshichaa itti bobbaasuun horii isaanii jalaa qabuun, loon tokko irratti maallaqa qarshii 1000, re’ee fi hoolota irratti maallaqa qarshii 500 kaafalchisaa turuun, akkasumas yakka raawwatan osoo hin qabaatin jiraattotatti guyyaa guyyaan itti dhukaasuun madeessaa fi ajjeesaa akka turan kanaan dura isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version