ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Yukireen Wiixata kaleessaa akka jettetti, magaalota Kaarkiv fi Odeesa irratti haleellaa diroonii Raashiyaan raawwatteen yoo xiqqaate namni tokko du’ee 62 ammoo madaa’eera.
“Ijoollee sadii dabalatee namoonni 27 madaa’aniiru. Ammatti ga’eessota lamaa fi daa’imni tokko hospitaalota keessa jiru – hundi isaanii haala giddu galeessaa keessa jiru,” jechuun bulchaan Kaarkiv Oleeh Saayinehubov ibsa telegiraamii irratti kennanii turaniin kan beeksisan yoo ta’u, boodarra lakkoofsa miidhame 29tti fooyyesse.
Bulchaan kun akkasumas misaa’ela balistikii qubsuma Malyinivka’n bu’uuraalee siiviilii akka rukute dubbataniiru.
Boodarra Saayinhubov akka jedhetti, diroonii Raashiyaa dabalataa ja’a l Kaarki keessatti haleellaa ganama lammaffaa irratti namoota 33 miidhe.
Bakka biraattis, bulchaan Odesa Oleeh Kiper akka jedhanitti namni tokko magaalaa buufata doonii kibba dhihaatti du’uu isaa, haleellaa halkanii kun bu’uuraalee siiviilii irrattis miidhaa geessiseera.
Gama biraatiin ammoo humni qilleensaa Yukireen diroonii 101 Raashiyaan jalqabde keessaa 75 ittisa qilleensaatiin akkasumas misaa’elli qajeelfamaan lafa irraa gara qilleensaatti geessu afuris akka kufan himaniiru.
Angawoonni Raashiyaa himannaa kana irratti battalumatti yaada hin kennine. Ministeerri Ittisaa garuu naannoo Moskoo irratti saddeet dabalatee naannolee 10 ol irratti diroonii Yukireen 91 addaan kuteera jedheera.

