Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Siiriyaan loltoota magaalaa Diruuz Suwaayda keessaa qulqulleessuun  walitti bu’iinsi akka dhaabbatu labsite

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Mootummaan Siiriyaa humnoota nageenyaa naannoo kibbaa jeequmsa keessa jirutti erga bobbaasee sa’aatii muraasa booda loltoota Bediyuunii magaalaa Suwayda kan baay’inaan gosa Diruuz taate irraa qulqulleessuu fi walitti bu’iinsa lubbuu namaa galaafatu achitti uumame akka dhaabbatu labsuu ibseera.

Sanabata kaleessaa beeksisni kun kan ba’e erga prezidaantiin Siiriyaa Ahmed al-Sharaa gareewwan Bediyuun fi Diruuz gidduutti dhukaasa haaraa akka dhaabbatu ajajaniin booda yoo ta’u, kunis walitti bu’iinsa kana keessatti waraanni Israa’el dabalataan gidduu seenuuf waliigaltee addaa Ameerikaan gidduu galeessa godhate hordofeeti.

Dubbi himaan Ministeera Biyya Keessaa Siiriyaa Nour al-Din Baba ibsa dhaabbata oduu biyyattii Sana’n ba’een akka jedhanitti, lolli kun kan xumurame waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi humnoota mootummaa naannoo kaabaa fi dhiha bulchiinsa Suwaydaa keessatti bobbaasuu hojiirra oolchuuf “tattaaffii cimaa” hordofuun ta’uu ibsaniiru.

Magaalaan Suwaydaa, dhiha bulchiinsa kanaatti argamtu, amma “qabsaa’ota gosaa hundarraa qulqullaa’uu, walitti bu’iinsi naannoo magaalattii keessatti uumamu dhaabbachuu” dubbataniiru.

Lolli kun kan ka’e torban darbe konkolaachisaan konkolaataa fe’umsaa Diruuz daandii guddaa ummataa irratti butamuu isaatiin haleellaa haaloo ba’uu walitti fufiinsaan kan kaase yoo ta’u, qabsaa’onni gosaa guutuu biyyattii irraa gara Suwaydaatti yaa’uun hawaasa Bediyuun achi jiru deggaruun kan ka’edha.

Israa’el Roobii darbe waldhabdee kana keessa seenuun Suwaaydaa fi magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoo irratti haleellaa qilleensaa cimaa raawwachuun tarkaanfii kanas hawaasa Diruuz eeguuf akka ta’e erga hoggantoonni garee xiqqaa kanaa humnoonni mootummaa miidhaa isaan irratti raawwatachuu himatanii booda ta’uu dubbatte.

Loltoonni mootummaa Siiriyaa Kamisa darbe Suwaydaa keessaa bahanii turan.

Lola kanaan yoo xiqqaate namoonni 260 kan ajjeefaman yoo ta’u, namoonni 1,700 ammoo madaa’uu Ministeerri Fayyaa Siiriyaa beeksiseera. Gareen biroo garuu lakkoofsi kun namoota 900 ol ajjeefaman jechuun ibsaniiru. Namoonni  87,000 ol buqqa’aniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version