ONM-ABO Adoolessa 21, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lalisaa Koomisitti waraanni maafiyaan PP Adoolessa 17, 2025 maanguddoo ganna 64 olii tokko kan maqaan isaa Obbo Oljirraa Galataa Daakkoo jedhamu yakka tokko malee mana jireenyaa isaaniitii qabuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Obbo Oljirraan maanguddoo gaaddisa biyyaa fi naannoo isaanii keessattis kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qabanii fi akkasumas hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu keessaa harka kan hin qabne yommuu ta’an, tiksitoonni sirnichaa ammoo maqaa ilmaan keetu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni naannichaa itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.
Kana malees aanichuma gandoota garaa garaa keessaa ergamtoonni murna Bilxiginnaa kunneen maatii qabsaa’otaa dhibbootaan lakkaa’aman hedduu hidhuun hiraarsaa jiraachuu jiraattotni aanichaa himaniiru.
Waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaatti bobbaafamuun gochoota gara jabinaa daangaa hin qabne raawwachuun qe’ee uummata Oromoo goolaa kan jiranii fi gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa geessisaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffannoo hammeessuun roorroo fi gidiraa hamaaf saaxilaa jiraachuun ifatti mul’achaa jira.

