Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Hindii finciltoota shakkaman sadii Kaashimiir bakka waldhibdee qabdu keessa jirtu keessatti ajjeese

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Humnoonni nageenyaa Hindii Wiixata kaleessaa bakka kunuunsa bineensota bosonaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen finciltoota hidhannoo qabatanii shakkaman sadii Kaashimiir Hindiin bulfamtu keessatti ajjeesuu isaanii raayyaan ittisa biyyaa beeksiseera.

Taatee kun kan mudate gaarreen Dachigam, magaalaa guddittii naannoo falmisiisaa Isrinagar irraa naannoo kiiloo meetira 30 fagaattee argamtutti.

Waraanni Hindii ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, ”Shororkeessitoonni sadii dhukaasa cimaa uumameen du’aniiru.

Itti dabaluudhaanis, ”Operaashiniin itti fufee jira,” jedheera.

Kaashimiir Musliimonni baay’inaan keessa jiraatan bara 1947 bulchiinsa Ingilizii irraa erga walaba ta’anii as Hindii fi Paakistaan gidduutti qoodamtee kan turte yoo ta’u, ollootni kunneen lamaan isaanii iyyuu naannicha guutummaatti himachuun — to’annoo bakkichaa irratti waraana marsaa  lama geggeessanii jiru.

Waraanni kun namoota ajjeefaman hatattamaan adda hin baasne, garuu poolisiin tokko maqaan isaanii akka hin dhahamne AFP’tti himeera, hundi isaanii “lammii biyya alaa” ta’uu isaanii.

Kanneen ajjeefaman kun lammiilee biyya alaa akka ta’an poolisiin maqaan isaa akka hin dhaa’amne barbaadu tokko AFP’tti kan hime yoo ta’u, gareen finciltioota Kaashimar bara 1989 irraa eegalee bulchiinsa Hindii irratti fincila kaasuun Kaashimiir walabummaa argachuu ykn Paakistaan waliin akka walitti makamtu gaafachaa turaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version