Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa Israa’el itti fufee jiruun yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota 60,000 Gaazaatti ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Haleellaan waraanaa Israa’el Gaazaa irratti Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee raawwatte yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 60,000 ajjeesuu ministeerri fayyaa Gaazaa ibseera. Waldhabdeen kun naannoo qarqara galaanaa barbadeessee rakkoo namoomaas kaaseera.

Ministeerichi Kibxata kaleessaa akka beeksisetti, lakkoofsi namoota miidhaman 145,870 yoo ta’u, kumaatamaan kanneen lakkaa’aman ammoo caccabaa gamoo fi naannoo barbadaa’e jalatti achi buuteen isaanii dhabamuu dubbata.

Waraanni kun kan eegale erga gareen hidhattoota Falasxiin Hamas haleellaa daangaa qaxxaamuraa kibba Israa’el irratti raawwateen booda.

Duulli Israa’el tarkaanfii Hamaas booda qilleensaa fi lafa irraan goote, ummata miliyoona 2.3 ta’u keessaa harki caalaan qe’ee isaanii irraa buqqisee, naannoo kana qarqara beelaatti dhiibee jira jedha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii.

Israa’el hojiin ishee dandeettii waraanaa Hamaas diiguu fi namoota booji’aman akka gadhiifaman mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu himatti.

Waraanni Israa’el Gaazaa keessatti loltoota Hamaas kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu fi bo’oo hidhattoonni kun itti fayyadaman kiiloo meetira dhibbaan lakkaa’aman barbadeessuu hima.

Ministeerri fayyaa naannoo sanaa garuu namoota ajjeefaman keessaa harki caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu dubbata.

Lolli kun balaaleffannaa idil-addunyaa kan argate yoo ta’u, dhukaasni akka dhaabbatu kan gaafataniiru.  

Mariin dhukaasa dhaabuu al-kallattiin marsaa dhumaa Doohaatti Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa ture torban darbe waliigalteen tokkollee osoo hin mul’atin addaan citeera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version