Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa Hagayya 1, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Eebbaa Lataa,
  2. Nagaasaa Jireenyaa,
  3. Iyyaasuu Guutamaa,
  4. Lalisaa Guutamaa,
  5. Obbo Misgaanuu Tarfaasaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa dirqamaan qabuun gara mooraa leenjiitti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, waraanni Bilxiginnaa gandicha madheeffattee jirtu kun guyyaa kana ganama bariidhaan gara qe’ee hawaasaatti bobba’uun maqaa “misoomaaf isin barbaanna” jedhuun namoota hedduu erga ukkaamsanii booda konkolaataa fe’umsaa tokkotti fe’uun bakka leenjii gara magaalaa Ukkeetti geessanii jiraachuu dubbatu.

Koloneel Abiy Ahimed kufaatii gama maraan isatti dhufe irraa of baraaruuf jecha yeroo adda addaatti ilmaan hiyyeessaa fedhii isaanii malee waraanummaa leenjisee gara adda waraanaatti bobbaasuun irbaata rasaasaa taasisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Exit mobile version