ONM-ABO Hagayya 3, 2025
Lammiileen Falasxiin 62, irra caalaan isaanii gargaarsa barbaaddota ta’an, Sanbata barii irraa eegalee rasaasa Israa’eliin Gaazaa keessatti ajjeefamuu isaanii maddeen hospitaala naannoo sanaa Aljazeeraatti himaniiru.
Lakkoofsi namoota du’anii keessaa lammiileen Falasxiinota 38 bakka raabsaa dhaabbata falmisiisaa Ameerikaa fi Israa’eliin deggaramu dhaabbata Gaza Humanitarian Foundation (GHF)n hojjetamutti gargaarsa barbaadan kan dabalatuudha.
Hanga Jimaataatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 1,373 gargaarsa argachuuf osoo yaalanii ajjeefamaniiru jedha waajjirri mirga namoomaa.
Daa’imman 93 dabalatee lammiileen Falasxiinota biroo 169 erga waraanni Israa’el Onkoloolessa bara 2023 jalqabee beela ykn hanqina nyaataatiin du’uu isaanii lakkoofsi Ministeera Fayyaa Gaazaa ni mul’isa.
Falasxiinonni naannoo kana keessa jiran loltoonni Israa’elii fi kontiraaktaroota nageenyaa Ameerikaa GHFn qacaraman itti yaadanii namoota gargaarsa barbaadan naannoo iddoowwan raabsaa jiran irratti dhukaasuun isaanii hedduu gabaafameera.
Haala Gaazaa irratti balaaleffannaa idil-addunyaa guddachaa dhufe kan ishee mudate Israa’el guyyoota darban keessa biyyoota Joordaan, Yunaayitid Arab Emireets, Masrii, Ispeen, Jarmanii fi Faransaay dabalatee gargaarsa qilleensarraan gara naannoo kanaatti akka gadi buusan hayyamteetti jechuun ALjazeeraan gabaaseera.

