Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti saamichi maallaqaa jiraattota irratti hammaachuun ibsame

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Hagayya 2, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hanqinni baajataa isaan mudatee fi galii humnaa olii Bilxiginnaan galii Tiriiliyoonaan lakkaa’mu funnaanna jedheen namoota dhuunfaa irraa qabee hanga waldaalee garaa garaatti maallaqa humna isaaniitii olii  60,000 hanga 100,000’tti itti ramaduun gidiraa hamtuu uummata irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti magaalaa Maqii keessatti waldaaleen kanneen akka; Waldaa Cirachaa, Waldaa Kuduraalee fi Muduraalee garaa garaa korsiisuu fi buusuu iratti gurmaa’an, Waldaa Xaa’oo buusuu fi korsiisuu iratti gurmaa’an,akkasumaas Beelladoota irratti gatiin Qaraxaa sangaa tokkotti qarshii 400, re’ee fi hoolaa tokkotti qarshii dhibba lama lama, lukkuu tokkotti qarshii 10 irraa funaanaa jiraachuu himaniiru. 

Ministeera qonnaa gochuun koloneel Abiy Ahimed Obbo Addisuu Araggaa kan muudan magaalaan Maqii oomisha timaatimaa fi paappayyaa cimsuu oomisha suuraa namni tokko oomishuu danda’u kan aanaalee 2 aanaa Booraa fi Dugdaa, magaalicha keessatti walitti qabuun maxxansus omishni kan duraan omishamu waraanni Bilxiginnaa gandoota badiyyaa garaa garaa keessa waan qubsifamanif yaaddoo waraanichaaf jecha omishni kan duraanii irraa gadi bu’uu fi WBOtu keessa socho’a jechuun ciranii balleessuu jirattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version