Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhugootti ergamtoonni Bilxiginnaa gibira da’oo godhachuun hawaasa dararaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Hagayya 5, 2025 

Murni abbaa irree kan nageenyaa fi misooma lammiilee mancaasee bulchiinsa afaan qawwee jalatti ukkaamsuun nagaa fi badhaadhina lallabu Bilxiginnaan, gibira da’oo godhachuun guyyaa guyyaatti hawaasa Oromoo irratti miidhaa ulfaataa qaqqabsiisuu itti fufuun, godina Lixa Harargee  aanaa Shanan Dhugoo gandoota akka: Waldayaa, Gooroo Re’ee, Haroo, Golliyaa Gabbis jedhaman keessatti jaleewwan Bilxiginnaa Adooleessa 30, 2025 irraa eegalee maqaa “gibira yeroon kaffaluu diddan” jedhuun uummata nagaa hojii isaa hojjetatee jiraatu jalaa dukkaana hedduu cufaa jiraachuu jiraattonni araddoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Ganda Waldayaa jedhamu irraa sababa maallaqa humnaan olii gaafatamanii kaffaluu dadhaniif namoonni dukkaanni isaanii jalaa saamsame muraasni:

  1. Jabbaar Ziyaad, 
  2. Hassan Turkii fi
  3. Musxafaa Ismaa’il 

jedhamanii fi kanneen biroo hedduu yoo ta’an, araddoota aanichaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa gibira humnaan olii hawaasatti fe’uun rakkisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Hawaasa qaala’insa jireenyaan waan afaanitti geeffatu illee dhabee garmalee rakkatu kaffaltii gosa adda addaa seera hin qabneen hiraarsuun afaan qawween doorsisanii, isaan kaan hidhaatti darbachuun kaanis immoo uleen reebanii qaama laalessuun miidhaa ulfaataa irratti geggeessaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version