ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarra ganda Lalisaa Saccii keessatti waraanni faashistii PP Hagayya 4, 2025 nama maqaan isaa Bal’inaa Tolasaa Kitilaa jedhamu afaan qawwee itti qabuun qarshii 47,000 irraa fudhachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti Obbo Bal’inaan yakka qabaateef osoo hin taane hidhattootni sirnichaa gandichatti bobbaafaman afaan qawwee itti qabanii si ajjeesna ykn maallaqa si harka jiru fidi jechuun irraa fudhanii deemuu dubbatu.
Gochi saamichaa kun irraa deddeebiin aanicha keessatti namootab irratti kan raawwatu yoo ta’u, namootni taatee kun irratti raawwatu iyyata isaanii qaama jalaa qabu dhabuun miidhaa isaanii waliin rakkachaa jiru.
Gareen faashistii PP Oromiyaa keessatti nagaan bu’eera, namni seeraan ala saamamu ykn gaafatamee kaffalu hin jiru, hidhattoota isaanii keessumaa milishoota 30,000tti siqan badii seeraa uumaniif geggeessine jedhanis, lfa irratti garuu basaastota PP hanga ministeerota isaaniittii qarshii fuuchuu qofa miti lubbuu namoota nagaa iyyuu obbaasaa jiraachuun ni beekama.

