Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qilee fi Daallee Sadii keessatti tiksitoonni impaayerattii dargaggoota dirqamaan gara dirree waraanaatti guuraa jiraachuun ibsame 

ONM-ABO Hagayya 5, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee fi Daallee Sadii keessatti eegdonni barcuma koloneel Abiy Ahimed maqaa raayyaa ittisa impaayerattii taatanii biyya keessaniif loltu jedhuun dargaggoota egeree biyyaa kan humna oomishaa fi oomishtummaa ta’an guuruu hammeessanii jiru. 

Murni yeroo ammaa siyaasni isaa harkatti kufuun raafama keessa jiru Bilxiginnaan, ibidda lolaa kallattii maraan impaayerattiitti qabatee jiru  sodaachuu irraan kan ka’e kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti humnaa fi afaan qawweetti gargaaramuun namoota saalaa fi umriin osoo adda hin baasin gara mooraa leenjii isaatti guuraa jira.

Haaluma kanaan aanaa Laaloo Qilee fi Daallee Sadii magaalaa fi gandoota baadiyyaa garaa garaa keessatti maqaa hidhattanii biyya keessan eeggattu jedhuun dargaggoota hedduu dirqamaan qabuu fi kanneen fiiganii baqatan immoo meeshaa itti dhukaasuun ari’anii qabaa jiraachuun ibsameera.

Sababuma kanaaf yeroo ammaa dargaggootni hedduun Itiyoopiyaa kufaatii irraa baraaruuf jecha lola saba Oromoo hin ilaallannetti seenanii aarsaa lubbuu isaaniif hin malle kaffaluu mormuun  kallattiiwwan adda addaatti jalaa baqachaa jiraachuun ni beekama.

Aanota kanneen keessatti dargaggoota malees namootni tilmaamaan umuiin isaanii 30-50 gidduu ta’e kanneen bultii ijaaranii maatii qabanis osoo hin hafin gochi humnaan qabanii gara dirree Waraanaatti fe’uu kun itti fufee jira.

Akka jiraattonni aanaalee lameenii jedhanitti hidhattoonni kunneen humna waraanaa fi afaan qawweetti dhimma bahuun yeroo garaa garaatti ilmaan keenya qabanii gara mooraa leenjiitti guuruun dirree waraanaatti bobbaasanii nu jalaa ficcisiisaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas bifa haaraadhaan nu irratti eegalanii jiru jechuun miira aariitiin himatu.

Murni Bilxiginnaa yeroo garaa garaatti sodaa fi raafama barcuma aangoo isaaf jecha goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa bobbaasuun ol adeemtoota ilmaan Oromoo dirqamaan ukkaamsisee leenjisuun eegdota teessuma isaa taasisuuf carraaqaa kan jiru yoo ta’u, tibbanas duulli kun aanaalee garaa garaa keessatti bifa haaraan itti fufee jiraachuun jiraattotatti yaaddoo uumee jira.

Exit mobile version