ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wiixata kaleessaa Hindiin boba’aa Raashiyaa bitachuu isheetiin taarifa guddaa akka irratti dabalu himeera.
“Hindiin Boba’aa Raashiyaa baay’ee bitachuu qofa osoo hin taane, yeroo sanatti, Boba’aa bitame keessaa bu’aa guddaa argachuuf Gabaa Banaa irratti gurguraa jiru. Yukireen keessatti namoota meeqa Maashinii Waraana Raashiyaatiin ajjeefamaa akka jiran dhimma itti hin qaban,” jechuun Tiraamp barreeffama Truth Social irratti barreessaniin dubbataniiru.
“Sababa kanaan Taarifa Hindiin USAf kaffaltu haalaan akka ol kaasu” ibse. Garuu taarifa maalii akka ta’u bal’inaan hin ibsine.
Hindiin a kaleessuma akka jettetti, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa boba’aa Raashiyaa irraa galchuuf Hindii irratti “xiyyeeffannoo” gochuun isaanii “bu’uura sirrii fi sababa kan hin qabne” dha.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Raandhir Jayiswal ibsa kennaniin, “Akkuma dinagdee guddaa kamiyyuu Hindiin dantaa biyyaalessaa fi nageenya dinagdee ishee eeguuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda ni fudhatti,” jedhan.
Tiraamp torbee darbe meeshaalee Hindii irraa galfaman irratti taarifa dhibbeentaa 25 akka kaa’an ibsee ture jechuun Al Arabiyan gabaaseera.

