Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Aanaa Habroo araddaa Ifaa Jiruu jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii mijeeffachuuf dhama’an, torban darbe irraa eegaluun maqaa “deggersa Raayyaa Ittisa impaayerattii” jedhuun jiraattota irraa qarshii 1,000-5,000 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, jaleewwan faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobba’an kunneen hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne torbanuma kana keessa gibira da’oo godhachuun daldaltoota irraa qarshii 10,000-100,000’tti guuraa kan jiranii fi namoota qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan eeramee jira.

Loltoonni sirnicha utubuuf halkanii fi guyyaa dhama’an biyyoonni alaas humna impaayerattii amanuu dadhabuun liqii liqeessuufii waan didaniif, dinagdeen impaayerattii gama hundaan kufee salphina hamaa keessa galuun, akka waan impaayerattii kufaatii jalaa baraaraniitti sababoota garaa garaa wabeeffachuun qabeenya uummata Oromoo saamaa jiru.

Exit mobile version