Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Magaalaa Finfinnee bakka addaa Nifaas Silk jedhamu keessaa Hagayya 24, 2025 dargaggeessa Oromoo tokko kan maqaan isaa Dinqaa Laggasaa Wagii jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii naannoo Tullu Diimtuutti geessuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun badii seeraa dalageef osoo hin taane sababa dhalataa Lixa Oromiyaa ta’eef qofa “ergama diinaa raawwachuu dhufte” jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees tibba kana magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti maqaa Koriidarii magaalaa jedhuun manneen jiraattotaa kaffaltii tokko malee diiguun jireenya gadadoof saaxilaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa jibbiinsa sanyummaa uummata Oromoof qaban ifatti mul’isuun kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version