Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisiin Sarbiyaa mormitoota bulchiinsi Vuusich akka dhaabbatu gaafatan irratti gaazii imimmaanessu dhukaase

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Poolisiin Sarbiyaa mormitoota farra mootummaa magaalaa Noovi Saad keessatti filannoon hatattamaa akka gaggeeffamuu fi mootummaan prezidaant Aleksaandar Vuusich waggoota 12f ture akka dhaabbatu gaafachaa jiran irratti gaazii imimmaan nama boochisuu fi boombii of nama wallaalchisu itti dhukaase.

Ji’oota 10f mormii itti fufiinsa qabu kan Sadaasa darbe foddaa buufata baaburaa Noovi Saad kufee lubbuu namoota 16 galaafate booda Jimaata darbe mooraa yunivarsiitii bulchiinsa magaalattii keessatti kumaatamaan lakkaa’aman walitti qabamuun mormii geggeessaa turan.

Balaan kun mootummaa irratti mufannaa kan kaase yoo ta’u, lammiileen Sarbiyaa hedduun malaammaltummaa fi dagannoon pirojektoota bu’uuraalee misoomaa mootummaa keessatti raawwatame jedhame irraa kan ka’e ta’uu ibsuun Vuusich akka deemu gaafataniiru.

“Vuusich aangoo haa gadhiisu,” jechuun dhageessisuudhaan, waamicha filannoo dafamee akka gaggeeffamuuf gaafatu irra deebi’anii  mooraa sanaatti hiriiruun yoo dhageessisan, poolisiin gaazii imimmaanessu fi boombii nama laaffisuun bittimsuuf yaale.

Dhaabbanni oduu Beetaa akka gabaasetti mormitoonni poolisiitti ibiddaa fi qaruuraa darbachuu isaanii ibseera.

Jimaata galgala haasawa taasisaniin Pirezidaanti Vuusich poolisoonni 11 miidhamuu ibsaniiru. Mormitoonni meeqa akka miidhaman odeeffannoon hin argamne.

”Dhaabbileen mootummaa akka balleessan hayyamuuf hin deemnu,” jechuun Vuusich ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru. “Sarbiyaan biyya cimtuu fi itti gaafatamummaa qabdudha.”

Tajaajilli nageenyaa biyya alaa mormitoota farra mootummaa duuba jira jechuun himachuun deggartoonni isaanii Dilbata magaalota guutuu Sarbiyaa keessatti hiriira akka gaggeessan dubbataniiru.

Mormiin ji’ootaaf guutuu biyyattii keessatti geggeeffamaa ture baay’inaan nagaadhaan kan darbe yoo ta’u, Hagayya 13 garuu bakka hedduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni nagaa fi poolisoonni kudhanootaan lakkaa’aman miidhamaniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version