ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Fulbaana 15, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee godinichaa mara keessatti caasaaleen Bilxiginnaa konkolaataa fi lafoon magaalaa fi baadiyyaa cufa keessa naanna’anii manneen jiraattotaa irra deemuun hiriira nageenyaa fi galateeffannaa Bilxiginnaaf Fulbaana 16 ganama sa’atii 1:00’tti namni tokko osoo hin hafin iddoo nuti isin barbaannetti nuuf argamtu, kan hin argamin yoo jiraate ammoo booda itti gaafataman matuma isaati “tarkaanfii fudhannu numatu beeka “jedhanii hawaasichi akka ba’uuf dirqisiisuun cinatti burjaajessaas turaniiru.
Hiriirri kunis kaleessa Fulbaana 16 ganama sa’atii 1:00’tti godina Walloo magaalaa Kamisee, aanaa Baatee magaalaa Baatee, aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa, aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit fi aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti mata” Duree Hidhi Guddichi Abbayyaa Ashaaraa Badhaadhinaati, Galaana Diimaa Argachuuf Uummata Keenyaa Waliin Hidhannee Ka’uu Qabna “jecha qofaa miti gochaan agarsiifne jijjiirama finneerra, nagaa waaraas ni buufna, hiyyummaa ni balaaleffanna, nuti hamma jennuu ol geenya ,abjuun keenya nuuf dhugoomeera, bu’aan Hidha Guddicha Laga Abbayyaa irraa argamu Afrikaa guutummaatti tajaajiluu kan danda’uudha maqaa jedhuun hanga sa’aa 4:00’tti geggeeffamaa turuun ibsameera.
Namoonni hiriiricha irratti argaman Itti dabaluun akka jedhanitti, Hidhi Guddichi kun injifannoo waraana Adawaatti aanee mallattoo tokkummaa fi jaalala biyyaa lammiileen itti mul’isaniidha, ammas taanaan Galaana Diimaa argannee injifannoo dachaan galmeessuuf uummanni keenya martuu Bilxiginnaa waliin hiriiree Galaana Diimaa argachuuf lolli ni barbaachisa yoo ta’e loluu qaba, kana gochuuf ammoo namni kamuu dirqama itti qaba malee filannoo hin qabu,namni kamuu ni hidhata, PP waliin ni hiriira, ni deggaras kun ammoo dirqama keessani, isinis beektanii dirqama keessan raawwachuu qabdu hawaasichaan jechaa turuu dabaluun ibsaniiru.
Dhuma irratti bulchitoonni godinichaa hawaasa dirqamaan ooyruu fi mana isaa irraa hiriira baasan kana akka waan uummanni fedhii fi kaka’umsa isaan ofii fedhee ba’eetti uummanni keenya nu waliin jira, nutis uummata keenyaa waliin jirra jedhanii dubbachaa turuu dabalataan addeeffameera.

