Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Koongoo keessatti finciltoonni M23 loltoota agarsiisaa yeroo jiranitti kanatti sodaan waldhabdeen biraa uumamuu danda’a jedhamu uumame 

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Dhuma torban darbee ficiltootni M23 Gomaatti agarsiisa waraanaa kan qopheessan yoo ta’u, namoota haaraa 7,000 ol ta’an mul’isaniiru. Gareen qabsaa’onni kunneen loltoota Koongoo harka kennatanii fi miseensota milishaa biyya keessaa akka ta’an himateera. Garuu gareewwan mirga falman hedduun dirqisiifamanii ta’uu akka danda’an akeekkachiisu.

Kiristaan Rumuu dhaabbata mirga namoomaa addunyaa Amnesty International irraa haalli kun nama dhiba jedhu.

Agarsiisni kun kan raawwatame Koongoo, Ruwaandaa fi giddu-galeessitoonni waliigaltee nagaa Waashingitan keessatti mallatteessanii torban muraasa dura. Waliigaltee kana keessatti wanti ijoo ta’e Ruwaandaan deggarsa M23f qabdu ofirraa baasuu fi naannoo qabatte aangawoota Koongootti deebisuu ta’a.

Garuu waldhabdeen haaraan fi wal himannaan dhukaasa dhaabuu cabsuu amantaa dhabsiisaa jira.

Waldhabdeen kun rakkoo namoomaa hammeessuun yoo xiqqaate namoonni 3,000 ajjeefamuun, miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Akka gabaasa U.Ntti “gocha suukaneessaa” — gudeeddii garee fi garbummaa saalaa irraa kaasee hanga dararaa fi ajjeechaatti waraana Koongoo fi finciltootaan raawwatame caqaseera.

Namoota hedduu baha Koongoo keessa jiraniif, abdiin nagaa ammallee dadhabaa  ta’uun agarsiisa humnaa yeroo dhiyootti mul’ateen yaaddeessaa ta’uu Miidiyaaleen gabaasaniiru.

Exit mobile version