Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Siiriyaan yeroo dhiyootti waliigaltee giddu-galeessummaa Ameerikaan Israa’el waliin mallatteessuu dandeessi jedhe pirezidaantiin biyyaattii Al-Sharaan

ONM-ABO Fulbaana 20, 2025 

Pireezidaantiin Siiriyaa Ahimed al-Sharaa akka jedhanitti mariin Ameerikaan gidduu galeessa godhate Israa’el waliin taasifamu kan waliigaltee bara 1974 waliin wal fakkaatu yeroo dhiyootti mallattaa’uu danda’u irra ga’uuf dhihaateera. Haa ta’u malee, kun “hariiroon Tel Aviv waliin jiru akka idileetti akka deebi’u akka hin argisiisne  cimsee dubbateera.

Al-Sharaa Jimaata  gaazexaa guyyaa guyyaa Turkii Milliyet jedhamu kan Televijiinii Sooriyaatiin geggeeffameef kenneen, Siiriyaan akkamitti akka loltu beekti garuu kana booda waraana hin barbaaddu jedheera. Itti dabaluudhaanis jeequmsi dhiheenya kana Suweedaa keessatti uumame yeroo mariin Israa’el waliin taasifamu xumuramaa i jirutti “kiyyoo itti yaadamee  qophaa’e” ta’uu dubbataniiru.

Haleellaa dhiheenya kana Kaataar irratti raawwatame hordofee marii gaggeeffamaa ture ilaalchisee al-Sharaa akkas jedhe: “Gaaffiin ati Israa’el  ni amantaa kan jedhu yoo ta’e, deebiin isaa: hin amanu” jedheera.

Al-Sharaa akka jedhetti haleellaan Israa’el masaraa pirezidaantii fi Ministeera Ittisaa Siiriyaa irratti raawwatte waraana labsuu wajjin wal gitu. Kanuma waliin, Israa’el waliigaltee akkasii kanaaf kutannoon qabdu ammallee shakkii keessa jiraatus, Israa’el waliin waliigaltee nageenyaa irra ga’uun waan hin oolle ta’uu cimsanii dubbateera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version