ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuu kaayyoo jalqabaa taasifatanii kan bobba’an jaleewwan Bilxiginnaa, akka waan ilmaan Oromoof bu’aa buusaniitti afaaniin sobanii dhaadachaa giiphii fi dantaa garaa isaanii guuttachuuf maqaa adda addaan hawaasa saamuu cimsanii itti fufuun, aanaa Makkoo guutummaatti barattoota bara 2025 kutaa 8’ffaa irraa gara kutaa 9’ffaatti darban irraa qarshii dhibba tokko tokko guuranii qabxii darbiinsaa isaanii kennaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, lukkeeleen sirnicha tiksuuf dhama’an torban darbe irraa eegaluun, maqaa “qawwee binna” jedhuun hawaasa hunda dirqamsiisanii afaan qawween qarshii dhibba shan shan saamaa jiraachuun ifoomeera.
Kaayyoon lukkeelee kanneenii, garee tokkotti qawwee 1 nama amanan dirqamaan hidhachiisuuf karoora kan qabanii fi kaffaltii nagahee hin qabne gaafachuun namoota kaffaluu didan maqaa hidhata siyaasaa biroon hiraarsuun kaffalchiisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

