ONM-ABO Fulbaana 28, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaalee garaa garaa keessatti murni Bilxiginnaa namoota hojii siyaasaa kaabinummaa aanaa fi ganda irratti hin fudhannu jedhan ogummaa qabaniin hojjetanii akka ofii fi maatii isaanii hinn jiraachisne faallaa sirna keenyaati jechuun hojii irraa ari’aa jira.
Gareen faashistii bututtuu impaayera Itiyoopiyaa kufaatii irraa deebisee baraaruuf ifaaju Bilxiginnaan yeroo ammaa akka guutummaa godina Lixa Wallaggaatti hojjettoota sadarkaa hojii adda addaa irratti bobba’anii argaman namoota dhimma siyaasaa irratti hin hojjennu jechuun morman hojii idilee isaanii ogummaa ittiin jiraachaa turan irraa ari’amanii qe’ee isaaniitti galan walumaa galatti namoota 3037 irra ga’anii jiraachuu ragaan keessoo hojjettoota kanneen irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.
Haqummaa fi qajeelummaan biratti fudhatama kan hin qabne murni tiwoorii barreessaa kitaabaa Nikoolii Makeveellee akkaataa itti aangoo of harka tursiisan irratti barreessu hordofu Bilxiginnaan, hojjettoota onoota godinichaa cufa irraa dandeettii ogummaa fi muuxannoo qabaniin hojjetanii jiraatan fudhatamummaa dhabsiisuun akkaataa akkaataa ga’umsaa fi dandeettii itti qabdaniin osoo hin taane adeemsa nuti isiniin jennuu fi akkaataa propaganda’n siyaasa keenyaa hawaasa biratti fudhatama argatuun kukkuultanii hojjechuu fi hojjechiisuuf ramaddii isiniif kenneme diddan jechuun sekteroota hojii ogummaa garaa garaa irraa ari’anii jiru.
Impaayera itiyoopiyaa duutetti lubbuu deebisee dhaabuuf kan dhama’u murni Bilxiginnaa, namoota hojii qajeelaa fi haqa-qabeessa ta’e hojjetan of irraa dhiibuun kanneen faarsee bulaa ta’an immoo ofitti haammatee holola sobaan masakameen caasaa olii hanga gadiitti sobaa isaa lafa qabsiisuuf kan carraaqu yoo ta’u, dhugaan lafa irra jiru garuu uummatni kallattii maraan hololaa fi xaxaa murni Bilxiginnaa bulchiinsa badhaadhinaa jechuun uummata burjaajessaa jiru hubatee itti dammaqaa jiraachuun ni beekama.

