ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Murni Bilxigginnaa qabeenya biyyattii lola wali waliinii irratti qisaasessuun kaan immoo kaadirootaa fi ajajoota waraanaa waliin ta’uun saamuun diinadgee biyyattii kuffisuun xumura irratti sadarkaa imaammata Macro-economy impaayerattii dabarsee IMFf kan gurgure kufaatii diinadgee hamaaf lammiilee impaayerattii saaxileera.
Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Tajaajila liqii dheereffame (Extended Credit Facility), ilaalchisee gamaggama 4ffaa torban lamaaf Finfinneetti taasiseen, hojiirra oolmaa dambiilee liqaa ilaalchisee waliigaltee jalqabaarra ga’amuuf dhiyaatamus dhimmoonni muraasni osoo hin xumuramiin hafan jiraachuu ibse.
Gareen hojjettoota IMF Alvaaroo Piirisiin durfamu turtii Itoophiyaa Onkololeessa 30 haga Sadaasa 13, bara 2025 taasisaniin gamaggama kana raawwachuu gabaasuun, dhimmoota osoo hin xumuramiin hafan irratti toora intarneetaan marii akka taasisan eeran.
Bal’ina “dhimmoota muraasa hafan” jedhee osoo hin kenniin dhiisuun, mariin torban dhufan keessa itti fufa jedhan.
Boordiin Hoji raawwachiiftuu IMF gamaaggama sadaffaa qophii ECF ji’oota 48’f gaggeeffame cinatti Marii keewwata 4ffaa bara 2025 Itoophiyaa waliin taasise kan xumure Adoolessa 25 ture.
Murteen kun fedhii madaallii kaffaltii fi faayinaansii Itoophiyaa tumsuuf tilmaamaan Doolaara Ameerikaa miiliyoona 200 fi miliyoona 62.3 hatattamaan akka bahu dandeessiseera. Gamaaggamni kun xumuramuun isaa waliigala baasii qophii kanaan gara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.873 taasiseera.
Adoolessa darbe, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 10n baay’inaan Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) irraa liqii fudhatan keessaa tokko ta’uu ishee gabaafamee ture. Dabalataanis madaallii waloo Baankii Addunyaa fi IMF haaraan ba’e haala diinagdee Itoophiyaa irratti akeekkachiisa cimaa kan kenne yoo ta’u, liqiin alaa impaayera Itoophiyaa “itti fufiinsa hin qabu” jechuun labsuun murni Bilxiginnaa Itoophiyaan dhiphina liqaa keessa akka jiru ibsanii turuun ni yaadatama.

