Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti waraanni Bilxigginnaa hawaasa irratti dararaa fi saamicha ulfaataa geggeessaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 16, 2025 

Baha Oromiyaa godina lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Aadam keessatti hawaasaa hunda dirqamaan manaa baasanii maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun gaarrenii fi laggeen keessa joorsaa oolchaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Aanicha araddoota garaagaraa keessatti hidhattoonni murni Bilxiginnaa hawaasa nagaatti bobbase sababa sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa bakkeewwan mara keessatti mul’achaa jiruuf jecha isintu nurratti qallabaa jira, kanaaf nu waliin sakattaatanii baasuu qabdu jechuun hawaasa dirqisiisanii joorsuu erga eegalanii torbee caaluu dubbatu jirattoonni araddichaa 

Kana malees maqaa gibiraa fi kaffaltii gosa adda addaa tarreessuun saamicha ulfaataa hawaasa irratti hammeessaa jiraachuu kan himan jiraattonni, namni lafa walakkaa hektaaraa qabuu fi kan hin qabnes yoo ta’e, kaffaltii gad-aanaa qarshii 5000-20,000tti nurraa guurama jira jechuun ifoomsaniiru. 

Namootni lafa qonnaa hin qabne kan qixxee fuudhanii nyaatanii bulanis sababa lafa mana irratti dhaabbatanii jiraniitiin gaafatamuun afaan qawween doorsifamanii kaffalaa kan jiran yoo ta’u, kanneen waan kaffalan dhaban immoo reebicha laalessaa erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinicha aanaalee garaagaraa  keessatti rakkoowwan gama maraan hidhattoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa hawaasa irratti raawwachaa jiran haalaan hammaachuun maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun uummata saamuu, hidhuu, mana irratti gubuu fi ajjeesanii gatuun araada hidhattoota kanneenii ta’ee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version