Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Ayiiraa keessatti waraanni PP saamicha fi reebicha hamaa uummata irratti raawwatu jabeessee itti fufe

ONM-ABO Muddee 6, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda Kuree bakka addaa Eebicha jedhamutti Muddee 4, 2025 waraanni Bilxigginna nama maqaan isaa ua jedhamu jalaa loon 5 ol fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Kana malees jiraataadhuma gandichaa nama maqaan isaa Margaa Dhibbisaa jedhamu irratti reebicha hamaa raawwachuun miidhama qaamaa fi qalbiif saaxiluu maddeen keenya bakkicha ONMtti himaniiru. 

Gama hidhaatiin ammoo jiraattuu gandichaa kan taate shammarree maqaan ishee Hawwinee Lammaa jedhamtu maqaa dabaa hidhata WBO qabda jedhu itti maxxansuun qabanii deemuu fi waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen eeraniru.

Dabalataanis gandichuma bakkuma addaa eerame kanatti mana jireenyaa Obbo Kennasaa Ayyaalaa jedhamu seenuun meeshaalee mana keessaa kaan saamuun gariin immoo caccabsanii gatuu maddeen dabaluun ifoomsaniiru. 

Exit mobile version