Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp dooniiwwan boba’aa Veenzuweelaa qoqqobbii irra kaa’aman irratti humna galaanaan akka ugguramu ajajan

ONM-ABO Muddee 17,2025 Pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp dooniiwwan boba’aa Ameerikaan qoqqobbii irra kaa’amte hunda Venezuweelaa seenanii fi ba’an “waliigalaa fi guutummaatti” akka ugguraman ajajan.

Tiraamp Kibxata galgala waltajjii miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreeffama isaaniin, “Venzuweelaa guutummaatti doonii waraanaa guddaan Seenaa Ameerikaa Kibbaa keessatti walitti qabameen marfamtee jirti,” jedhan.

“Hanna Qabeenya keenyaa, fi sababoota biroo hedduu, Shororkeessummaa, Daddabarsa Qoricha sammuu namaa hadoochu, fi Daldala Namaa dabalatee, Sirni Venzuweelaa Jarmaayaa  Shororkeessaa Alaa jedhamee moggaafameera,” jedhan Tiraamp.

“Kanaaf, har’a, Taankaroora Boba’aa Hunda kan Veenzuweelaa seenan, fi keessaa ba’an Waliigalaa fi Guutummatt Uugguramuu ajaja jirra,” jedhan.

“Pireezidaantiin Ameerikaa, haala guutummaatti sammuu hin qabneen, qabeenya kan biyya keenyaa hatuuf jecha, uggura humna galaanaa jedhame Venezuweelaa irratti fe’uuf yaada qaba,” jedhe mootummaan Veenzuweelaa.

Kanaan dura Pirezidaantiin Veenzuweelaa Niikoolaas Maaduroo torban darbe doonii taankii boba’aa Veenzuweelaa fe’ee turte “hanna” bulchiinsi Ameerikaa raawwate irratti “addunyaan saamicha boba’aa fi saamicha boba’aa irratti ni kaati” jechuu isaa marsariitii ‘Agencia Venezuela News’ gabaaseera.

Humnoonni Ameerikaa doonii boba’aa ‘Skipper’ jedhamtu qarqara galaanaa Veenzuweelaa irraa kan qaban yoo ta’u, fe’umsa boba’aa ishee buusuuf gara kutaa Ameerikaa Teeksaasitti fiduun isaanii gabaafameera.

Exit mobile version