ONM-ABO Muddee 22, 2025
Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee fi aanaa Kofalee keessatti murni hawaasa nagaa qabu nagaa dhorkuun hiraarsaa oolu Bilxiginnaan hojii isaa hammeenyaa isaa jabeessee ittuma fufuun, namoota nagaa hidhee dararaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Akkuma kanaan Muddee 14, 2025 aanaa Kofalee ganda 01 keessaa namoota maqaan isaanii; Aabuutee Kadiir Waaqoo, Maammaa Qaasim Naadoo i Abdurramaan Aadaam kanneen jedhaman mana isaanii keessaa qabuun anichuma ganda 02 keessatti hidhuun maatiin dhaqee akka hin ilaalle dhorkuun mana kophaa keessatti hiraarsaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ibsanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun magaalaa Shaashamannee ganda 81 keessatti namoota hedduu hidhuun hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:
- Amaan Nuuree Waaqoo fi
- Abdii Maammiyyoo Immatoo
jedhaman ganda Goondee Qarsoo irraa qabuun gandicha keessatti hidhanii dararaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen yakka tokko hojjetanii kan hin qabne yoo ta’an, sababa isaan Oromoo ta’an qofaaf Oromummaa isaaniin yakkanii gocha gara jabeenyaa hedduu irraan gahaa kan jiran ta’uu fi maatiin kunneen hortee abbaa tokkoo ta’uu jiraattotni himuun, midhaan isaan qotanii gahuuf dhiyaates Bilxiginnaadhaaf akka galu jechuun milishoota gandichaa ilaalchisaa kan jiran ta’uu jiraattotni itti dabaluun ifoomsaniiru.

