Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti humni Raayyaa ittisa impaayerattii ofiin jedhu wal ajjeessuu, wal hidhuu fi uummataa mana hidhaatti darbachuu hammeessuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 23, 2025 

Godina Qelleem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Burii jedhamuun beekamu keessatti hidhattoonni kolonel Abiy Ahmed sirna dhabdummaa leenjisuun uummatatti bobbaase walii isaanii irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuun, loltootni sabaan Oromoo ta’an namni sadii lubbuun darbuu fi namni lama hidhamanii akka jiran maddeen qabatamoo keessoo isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Mooraa Bilxiginnaa keessatti hidhataan impaayeratti tokko hidhannoo guutuu waliin WBO’ti dabalamuu hordofee, wal shakkii fi amantaan isaan gidduu waan dhibameef sabaan wal qooduun ilmaan Oromoo irraa qawwee hiikuun, gariin ajjeessuu fi hidhanii jiraachuu maddeen gamasii addeessaniiru.

Mooraa hidhattoota PP kana keessatti wal dhabdee guddaan adeemaa jiraachuu fi jirattoota naannoo sanaa illee miidhaa irraan ga’uu reebuu, hidhuu, doorsisuu hidhataa keenya nu jalaa fuutanii WBO’tti geessitan jechuunis ijoollee shamarranii nama 9 fi namoota hedduus hidhanii akka jiran jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version