Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti saamichi waraana garboomfataa PP’n uummata Oromoo irratti raawwachuu fi garee finxaaleyyii Amaaraa Faannoon namoonni ukkaamfamuun qarshii gaafatamuun itti fufe

ONM-ABO Muddee 24, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayyisaa bakka addaa Mottee jedhamu keessaa waraanni faashistii PP gaafa Muddee 22, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa; Obbo Geetaachoo Miizanaa jedhamu jalaa loowwan lama sababa WBO deggarta jedhuun ooffatanii deemuun dhaga’ameera.

Oduu biraatiin ammoo Mudde 21, 2025 Finxaaleyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman aanumaa Guutoo Giddaa ganda Saammee keessatti halkan toora sa’aa 6:00tti hawaasa nagaa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Margaa Geetahuunii fi
  2. Abbaa Alaqaa 

kanneen jedhaman ukkaamsanii deemuun ibsameera.

Namoonni garee shiftoota Abiy Ahimad Oromiyaa keessatti bobbaaseen achi buutee dhabamsiifaman kunneen yeroo ammaa maatii isaaniif bilbiluun tokko tokkoo isaanii irraa qarshii miliiyoona tokko maatiin akka dhiyeessuuf garee kanaan akka gaafatamanis itti dabaluun ibsaniiru.

Uummanni nagaan tuttuqqaa siyaasaa keessaa hin qabne leellistoota sirnoota moofaa darbaniin yeroo qabamanii kaasee miirri maatii fi hawaasaa haalaan jeequmsa keessa akka jirus kan himan jiraattonni, gochaan jal’inaa kunis kana qofaa osoo hin taane yeroo mara uummata irratti taasifamaa akka jirus itti dabaluun dubbatu.

Exit mobile version