Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolaandi xiyyaara Raashiyaa Galaana Baaltik irra jiru addaan kutte

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Jeetonni Poolaandi xiyyaara sakatta’iinsaa Raashiyaa galaana Baaltik irratti argamu kan naannoo qilleensaa isaatti dhihoo balali’aa ture to’achuu isaanii waraanni biyya miseensa NATO kanaa Kamisa kaleessa ibseera.

Biyyoonni gama bahaa NATO jiran erga Sadaasa keessa jeettiiwwan waraanaa Raashiyaa sadii dirooniin Raashiyaa 20 ol naannoo qilleensaa Poolaandi erga seenanii guyyoota muraasa booda daqiiqaa 12f naannoo qilleensaa Istooniyaa cabsanii as weerara naannoo qilleensaa ta’uu danda’uuf of eeggannoo olaanaa irra jiru.

“Kaleessa ganama bishaan idil-addunyaa Galaana Baaltik irratti xiyyaaronni waraanaa Poolaandi xiyyaarota sakatta’iinsa Raashiyaa ⁠kan naannoo daangaa ⁠haala qilleensaa Poolaanditti balali’an adda kuteera jedheera waraanni kun.

Akkasumas halkan wantoonni ⁠kallattii Beelaaruus irraa gara naannoo qilleensaa Poolaanditti yeroo seenan akka mulʼatan dubbateera.

”Xiinxala bal’aa booda, kunniin baay’inaan afuuffee seeraan alaa daddabarsan, akkaataa kallattii fi saffisa qilleensaatiin socho’an ta’uun isaanii murtaa’eera,” jedha waraanni. Itti dabaluudhaanis, naannoon qilleensaa kaaba baha Poolaandi naannoo Podlaskii irratti argamu, kan Beelaaruus waliin daangessu, nageenya mirkaneessuuf yeroodhaaf tiraafika siiviiliidhaaf cufamee ture jedheera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version