Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Agaloo fi Galiilaatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraan saamichaa jabeessuun ibsame 

ONM-ABO Amajjii 2, 2026 

Godina Baha Wallagga Bahaa aanaa Waamaa Agaloo ganda Gossaanii Kiilloo keessatti Muddee 26, 2025 murni maafiyaa PP hawaasa gandichaa guutummaa walitti qabuun maqaa kaffaltii miliishaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 400 dirqamaan fuudhaa kan jiran yoo ta’u, maqaa inshuraansii fayyaa jedhuunis tokko tokkoon manaatti  herreguun qarshii 3000 fuuchaa jiraachuun beekameera.

Oduu wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Galiilaa ganda Muka Arbaa Diimmaa jedhamu keessaa gaafa Muddee 29, 2025 murni maafiyaa PP maqaa gibiraatiin hawaasa nagaa hedduu hidhaatti guuraa kan ture yoo ta’u, hedduu isaanii erga qabanii dirqiin maallaqa harkaa fuuchuun  yoo lakkisu namoota kaffaluu hin dandeenye ammoo mana hidhaa keessatti hiraarsaa jiru. Isaan keessaa kan maqaan isaa nu ga’e abbaa ilmaan 9 kan ta’e nama maqaan isaa;

  1. Obbo Darajjee Fayisaa jedhamudha.

Kana malees akka onichaatti horiin uummataa loltoota murna Bilxiginnaan oofamaa kan jiru oggaa ta’u, akka waliigalaatti sarbamiinsa mirgoota namoomaas danuun raawwatamaa akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version