ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Burqaa kan ta’ee fi horii daldaluunis maatii kan jiraachisu namni maqaan isaa Dhugaas Kaliil jedhamu gaafa Amajjii 11, 2026 ganama sangoota gurgurtaaf gara aanaa Gaawoo Qeebbee magaalaa Seertumii jedhamutti geessuun qarshii kuma dhibba sadiitti gurguratee osoo galaa jiruu karaatti ganda Qumbaabee Golboo jedhamu keessatti waraanni faashistii PP saamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qonnaan bulaa kanas horii Waraana Bilisummaa Oromoo ooftee gabaa baaste ittiin jechuun maanguddoo hawaasni dhugaa isaa beeku kana yakkuun akka irraa saaman jiraattotni dabaluun addeessaniiru.
Rakkoo kanas jiraattotni yoo ibsan “qonnaan bulaa tokko irraa namoonni yookiin “waraanni Bilxiginnaa” qarshii 300,000 humnaan saaman.” “Namni miidhamaan kunis maqaa WBO deggarta jedhuun himatamee qarshiin isaa harkaa fudhatameera” jedhu. Jiraattonni naannoo sanaa gochi akkanaa yeroo ammaa baay’ee deddeebi’aa jiraachuu isaa himuun sodaa fi tasgabbii dhabuu uumaa jiraachuus ibsaniiru. Dhimmi kun qaamolee miti mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuun hordofamuu qaba jechuunis miira aariin guutameen dubbatu.
Qonnaan bulaa tokkorraa qarshii 300,000 humnaan fudhachuun, “maqaa WBO qabda” jechuun himachuun yakka hamaa dha. Namoota maqaa siyaasaa fayyadamanii saamuun fi doorsisuun dhaabbachuu qabas jechuun seerri haa hojjatu, namoonni nagaan haa jiraatan jechuunis ibsaniiru.

