Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsa’ootni Baloochistaan kibba dhiha Paakistaan keessatti haleellaa ‘qindoomina qabu’ banuu qondaaltonni himan

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Sabni Balooch kan mirga isaanii murteeffachuuf falmaa irraa jiran Sanbata kaleessaa guutuu bulchiinsa Paakistaan Baloochistan keessatti haleellaa “qindoomina qabu” banuun yoo xiqqaate poolisoota afur ajjeesuu isaanii qondaaltonni himaniiru.  Tarkaanfiin kunis jeequmsa yeroo dhiyoo naannoo kibba dhihaa fincilaan miidhamte keessatti mudatedha.

“Haleellaan qawwee fi of ajjeechaa qindoominaan guutummaa Balocohistan keessatti, irra caalaa aanaalee Kuweetaa, Paasni, Mastuung, Nushki fi Giwadar keessatti raawwatame,” jechuun qondaalli nageenyaa olaanaa magaalaa guddoo bulchiinsa Kuweetaa AFPtti himaniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Kuweetaa qofa keessatti yoo xiqqaate poolisoonni afur ajjeefamaniiru,” jechuun miidiyaatti dubbachuuf hayyama waan hin qabneef maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate.

Qondaalli waraanaa olaanaan teessoo isaa Islaamaabaad godhate haleellaa kana kan mirkaneessan yoo ta’u, haleellaan kun “qindoominaan kan raawwatame ta’us haala gaarii hin taaneen raawwatame” jedhan.

Haleellaan kun “karoora gaarii hin taanee fi deebii nageenyaa bu’a qabeessa ta’een fashalaa’eera,” jechuun qondaalli kun itti dabaluudhaan, lakkoofsa namoota du’anii irratti yaada osoo hin kennin dubbataniiru.

Yoo xiqqaate qondaaltonni poolisii aanaalee hamma kanaa afur haalli kun hanga ammaatti guutummaatti to’annaa jala akka hin jirre AFPf mirkaneessaniiru.

Gareen hidhattoota adda bahuu bulchiinsa kana keessatti sochii guddaa taasisan Waraanni Bilisummaa Balooch (BLA) ibsa AFPf ergeen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version