ONM-ABO Bitootessa 12, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Toongoo jedhamu keessatti gaafa Bitootessa 4, 2026 dargaggoo maqaan isaa Warqinaa Haayilee jedhamu halkan keessaa toora sa’aatii 05:00’tti yeroo inni jal’isii bishaan obaafachuuf gara ooyiruu isaa deemaa jiru milishoonni sirnichaa haala suukaneessaa ta’een rasaasaa itti roobsanii ajjeesuun bakkee keessatti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa dantaa sabaa caalaa garaa isaaniif bitaman saba irraa dhalatanitti deebi’anii qaama hannaa fi dararaa irratti isaan bobbasee gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo sababoota sobaan yakkuun ajjeechaa irraa qabee hanga achi buutee dhabamsiisuutti irratti rawwaachuu itti fufanii jiru.
Akka maddeen himanitti dargaggoon kun tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne yoo ta’u, milishoonni sirnichaa immoo maqaa inni keessaa hin qabne “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabda jechuun ajjeessu ifoomsuun, jiraattonni gandichaa ajjeechaa dargaggoo kana irratti rawwaatameen sodaa guddaa keessa seenneerra jeechuun ibsaniiruu.
Murnii abbaa irree Bilxiginnaa yeroo adda addaatti jaleewwan isaa kumaatamaan gooleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti hidhaa, ajjeechaa, achii butee dhabamsiisuu, saamicha fi sarbamiinsa mirga namoomaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.

