Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP fi finxaaleyyoonni Amaaraa godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti maatii tokko guutuu rasaasaan ajjeesan

Waraanni faashistii PP fi finxaaleyyoonni Amaaraa godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti maatii tokko guutuu rasaasaan ajjeesan.

(ONM-ABO Bitootessa 24,2022)

Kaayyoo ilmaan Oromoo ajjeesuun impaayeera afaan, aadaa, amantii fi seenaa tokko qabdu ijaaruuf kan walii galan humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa fi waraanni ergamtuu PP ajjeecha suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Bitootessa 22,2022 waraanni faashistii PP humnoota finxaaleyyii Amaaraa Amaara waliin ta’uun namoota nagaa godina lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbee ganda qotee bulaa Barii Aabbotti halkan sa’ati 7:00n qe’ee obbo Biraanuu Nugusaa humnaan cabsanii seenuun maatii guutuu rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Gochaa suukkaneessaa kanaan namootni 4 yoo ajjeefaman daa’imni tokko qofti yaalaaf gara hospitaala Finfinneetti ergamtee jirti. Namootni humnoota waloo farra Oromummaa kanaan ajjeefaman:

1. Obboo Biraanuu Nugusaa Jimaa…

2. Abbaa maatii Iteenash Taaddasaa waaqgaarii ….

3. Haadha manaa Caalaa Biraanuu Nugusaa… ilma isaanii

4. Araggaa Nugusaa Jimaa … Obboleessa obb Biraanuu

5. Masarat Biraanuu Nugusaa…daa’ima umrii 13 fi rukutamtee hospitaala finfinneetti kan ergamte ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Ajjeechaan miseensota maatii irratti lixa Shaggaritti ilmaan Oromoo keessatti raawwatu kanaan duras aanaa Abuunaa Gindabaratitti, abbaa fi ilma bakka tokkotti akkasumas obbolaa lama yoo ajjeesan, aanaalee akka Daannoo fi Baakkoo Tibbeettiis gochaan wal fakkaataan baatii darbe keessa raawwachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version